Gindabarat

Kuttaayee-Liiban/Gindabarat aanaa godina Shaggar Dhihaa keessaa tokko. Aanaan kun kan argamu kaabaa godina kanaatti yoo ta'u karaa kaabaatiin Mootummaa Naanoo Amaaraa fi godina Shaggar Kaabaatiin, karaa kibbaa anaa Jalduu, Amboo fi Calliyaan, karaa dhihaa godina Wallagga Bahaatin, karaa bahaa immoo anaa Meettaa Roobiitiin wal daangessa. Anaan kun baayyinaan laggeeniin marfamtee kan argamtu yoo ta'u kana keessaa karaa kaabaa Laga Abbayin (Blue Nile) (kan Mootummaa Naannoo Amaaraarraa gargar baasu), karaa bahaa Laga Mogor (kan godina Shaggar Kaabaa irraa gargar baasu) karaa dhihaammoo Laga Gudariin (kan godina Wallagga Bahaarraa gargar baasu) marfamti. Magaalaan guddon aanaa kanaa Kaachisii jedhamti. Aanaan kun mana barumsaa sadarkaa 2ffaa tokko kan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Gindabarat jedhamu qaba. Aanaan duraan Kuttaayee-Liiban, boodarra immoo Gindabarat jedhame yeroo ammaa bakka lamatti qoodamuun aanaa Gindabarat jedhamuu fi aanaa Abuunaa Gindabarat jedhamu uumeera. Akka yaadatti namoonni seenaa Gindoo (Kuttaayee liiban) sirriitti beektan karaa Facebook Jennenus Dajanee (Jenenus Dejene) jedhuun na dubbisaa/Na qunnamaa Waan hedduu waliin hojjenna jechuun dhaamsa kooti... Galatoomaa


From Wikipedia, the free encyclopedia · View on Wikipedia

Developed by Tubidy