Itoophiyaa


Rippabliikii Federaalawaa
Dimookraatawaa Itiyoophiyaa
Magaalaa Guddaa Finfinnee
Mootummaa Rippaabiliika
Ballina lafa 1104300 km²

= Bishaan (%) 0.7

Baayyina ummataa 102374044 (2017)

= 117,876,227 (2021) tilmaamaan = 73,750,932 lakkoofsa (2007)

Tuuta'insa ummataa {{{Tuuta'insa ummataa}}}
Faaruu Faaruu Itoophiyaa

= Faaruu Oromiyaa

Koodii lakkoofsa bilbilaa +251
Itoophiyaa

Rippaabilika Federaalawaa Dimookraatawaa Itiyoophiyaa jedhamuudhaan kan beekamtu biyya Gaanfa Afrikaatti argamtu yoo taatu, erga Eertiraan irraa bara 1993 G.C. cittee booda biyya lafa qofaan marfamte taatee jirti. Itoophiyaan Kaabaan Eertiraan, Dhihaan Sudaanin, Kibbaan Keeniyaan, Kaaba-bahaan Jibuutiin fi Bahaan immoo Somaaliyaan daangeffamtee argamti.

Itiyoophiyaan biyyoota umrii dheeraa qaban (biyyoota qarooma durii qaban)jalatti yoo ramadamtu, Afrikaa keessaa baay'ina ummataan Naayijeeriyaatti aantee sadarkaa lammaffaa irratti argamti. Barbaadina dhufaatii ilma namaa irratti ga'e guddaa kan qabdu biyyittiin tun, maqaa cradle of mankind (bakka dhaloota sanyii namaa) jedhamuufi filatamuu dandeessee jirti. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya koloniin hin qabamin keessaa ishee tokko. Laayibeeriyaan koloniin qabamu baatullee, biyyittiin Laayibeeriyaa kan itti dhaabatte kolonii Afrikaanota Ameerikaa taatee wanta turteef. Itoophiyaan waggaa shaniif 1936-1941 G.C. Faashistii Xaaliyaaniin haa qabamtu malee, dhumarratti Itoophiyaan gargaarsa Ingilaandiitiin mo'achuu dandeesseetti. Jaarraa 4ffaa keessatti kan gara kiristaanummaatti jijjiiramte biyyi kun, addunyaa keessaa biyya mootummaa kiristaanaa qabanii turan keessaa ishee lammaffaadha.


Haa ta'u malee biyyi Itoophiyaa seenaa hacuuccaa fi ukkaamsaa dheeraa keessa kan turte yoo ta'u keessaayyuu bara mootummaa Miniilik, Hayila Sillaasee, Dargii, fi ADWUI hidhaa, reebichaafi ajjeechaa keessa darbite. Namoonni mirgaa fi walqixxummaaf qabsaa'an hedduun haala kanaan ukkaamfamaniiru.


From Wikipedia, the free encyclopedia · View on Wikipedia

Developed by Tubidy